Donald Trump: Qabsoo Oromootif hiree moo balaadha?
Donald Trump: Qabsoo Oromootif hiree moo balaadha?
(Jawar Mohammad tiin)
(Jawar Mohammad tiin)
Donald Trump: osoo namuu akka qoosaatti laaluu filannoo pirazidantummaa Ameerikaa moo'atee hogganootaafi hayyoota biyyatti qaanyessee jira. Imaammanniifi tarsimoon bulchiinsa Trump maal ta'a kan jedhu baatii dabre kana mataduree marii namuutuu ta'eee jira. Deebii isaa garuu innuu ifatti waan beeku hin fakkaatu. Nuti Oromoonis, silaa waaqaa gaditti addunyaa kan kirkirsu Ameerikaa waan taateef, dhufaatiin Trump tun risqii moo gaaga'ama nuuf qabdii laata jennee xiinxaluunifi tarsiimoo baafachuutu nu barbaachisa. Kanarratti xiinxala armaan gadii kana akka yaada ka'umsaatti dhiheesseera.
Imaammata Biyya Keessaa
Wanti Trump yeroo duula filannoo waadaa gale guddaan baqattoota seeraan ala Ameerikaa jiran biyyaa ari'uudha. Waadaalee seene keessaa kan inni murannoon itti deemuu hedus tokko kana. Ejjannoo isaa kana hojitti hiikufis hedduu hin rakkatu. Sababni isaas manneen maree lamaanuu ( Senate & Congress) paartii isaatitu harkaa qaba. Baqattoonni Oromoo kumaatamaan lakkaayaman biyyanatti dahoo gaafataniis osoo hayyama hin argatni akka jiran ni beekama. Ilmaan Oromoo kun imammata bulchiinsa Trump kanaan miidhamuun isaanii ni mala. Gaaga'ama gahuu malu irraa lammiilee kenya baraaruuf waldaaleen hawaasaa ammumarraa itti qophaayuu qaban.
Imaammata Dantaa Alaa
Dantaa alaa ilaalchisee wanti Trump dubbataa ture waldhahaadha. Ejjannoon isaa kan paartileen lamaan biyya kanaa amma dura itti beekamanitti hin citu. Kanaaf ammatti imaammanni isaa kana jedhanii afaan guuttatanii dubbachuun nama dhiba. Bifuma kanaan imaammanni inni Afrikaa akkasumas Itoophiyaa irratti qabaachuu malu maal akka tahe guututti hubachuun nama dhiba. Waan inni dabree dabree haasayu irraa garuu waa takka lama jechuun ni danda'ama.
Kan duraa Trump gargaarsa biyyoota guddataa jiraniif kennamu ni morma. Fakkeenyaaf maallaqni biliyoona 700 Afrikaaf kennamu akka qisaasameetti lakkaawuun ummata Ameerikaa tajaajiluuf hojiirra ooluu qaba jedhee dubbatee ture. Kana jechuun bulchiinsa Trump jalatti gargaraarsi biyyota alaatiif kennamu ( foreign aid) akka hirdhatu eeggama. Ejjannoo kanaan yoo itti fufe mootummoota akka Wayyaaneen kan gargaarsa Ameerikaa irratti hirkatanii jiraataniif balaadha. Wayyaanee irraa gargaarsi cituun ykn hirdhachuun qabsoo keenyaaf ammoo faaydaa guddaa qaba.
Kan lammataa Trump akka yaadutti dimokraasii babal'isuun hojii Ameerikaa ta'uu hin qabu. Lola Ameerikaan maqaa abbootii irree buusuutiin Liibiyaafi Siiriyaa keessatti goote ni balaaleffata. Ejjannoo kanaan yoo itti fufe bulchiinsi Trump humnoota bilisummaafi dimokraasiif dhaabbataniif naatoo qabaachuun isaa mamsiisaadha.
Sadaffaan lola ' farra shoorarkeessitoota' ( counter terrorism) ilaalchise ejjannoo cimaa akka qabu yoo dubbates lola kana keessaa waraanni Ameerikaa suduudaan akka hirmaatu fedhii akka hin qabne akeeka. Dabalataanis biyyonni lola kanarratti hirmaatan baasii isaanii Ameerikaan akka kafaltuuf eeggachuu mannaa dirqama isaanii ofumaan bahuu qaban jedhe dhaadataa ture. Kanarraa kaanee michoomni Ameerikaafi Itoophiyaan sababa haala Soomaleetin qaban hedduu akka jijjiramuu hin dandeenye tilmaamuu dandeenya. Garuu ammo akka bulchiinsota Obama fi Bush sanitti bulchiinsi Trump maqaa farra shoorarkaatiin kaaznaa Wayyaanee guutuu waan itti fufu hin fakkaatu. Guututti illee irraa dhaabuu baatu akka hirdhisu eeggama. Kun Wayyaanee akka shilmii biyyoota alaa irratti maxxantee jiraattuuf hoongee uumuun hin oolu. Gaaga;ama diinaggee sochiin Oromoo irraan gaheen yoo walitti dabalame hirdhachuun gargaarsa alaa kun Wayyaaneen daran akka laamshessu tilmaamuun ni danda'ama.
Afraffaan dhimmaa hariiroo diinaggee irrattis imaammanni Trump ifaa miti. Haa ta'uu ammoo waliigalteen daldalaa Ameerikaan biyyota biraa waliin qabdu (kanneen akka NAFTA, TPP) hedduun isaa irra deebi'amee laalamuu akka qabu gadi jabeessee dubbataa ture. Hariiroo daldalaa Ameerikaan Afrikaa waliin qabdu, AGOA jedhamee beekamu irratti hamma ammaa waan dubbate hin agarre. Waliigalteen AGOA bara as aanu keessa yeroon isaa waan dhumatuuf haaromfamuun dirqama. Kanarratti akkuma waliigalteelee kaanii gara Ameerikaa caalaatti fayyaduu yoo dhiibe biyyoota akka Itoophiyaa kanneen AGOA irraa fayyadamaa jiran irratti dhiibbaa ni qabaata.
Walumaagalatti imaammanni haajaa alaa Trump ammatti xaliilee hin beekamne. Faana bu'uudhaan qorannoo geggeessuun irratti qophaayuun barbaachisaadha. Pirazidantii biyya bulchuudhaaf qophaayee hin dhufne waan taheef imaammataafi tarsiimoo caalaa tarii eejjannoofi ilaalcha namoota aangotti muudamani murteessaa ta'uu mala. Kanaafuu namni Ministeera Haajaa alaatti itti gaafatamaa dhimmaa Afrikaa ta'ee muudamu eenyu akka tahe beekuun kallattii imammanni Ameerikaan Afrikaa irratti qabdu maal akka tahuu malu akeekuf nu fayyada.
Hammasitti waa sadeen tokkoo jechuun goolabuun fedha. Obaamaan abdii guddaafi waadaa cimaa Afrikaaf kennee wanni qabatamaan godhe hin turre. Afaanin dimokraasii sirbaa sirna abbaa irree Wayyaanee gargaaraa turuun yaadannoo as dhihooti. Kanaaf Obaamaan 'gaariin' sun bu'ee Trump 'hamaan' dhufuun nuuf jijjirama guddaa hin qabu. Kan lammataa Hillary Clinton kan gareen ishee dursee Wayyaanee irraa quubii nyaate filamuu dhabuun qabsoo keenyaaf gaariidha. Sadaffaan Oromoon hedduun, akkuma ummata addunyaa kaanii, waan Trump dubbaturraa ka'uun akka jibban ni beekama. Garuu gama qabsootti yoo deebinu tarsiimoon teenya jibbaafi jaalalaan osoo hin taane tooftaadhaan maskamuu qabdi. Jaalannus jibbinus waggoota afran as deemaniif imaammata Ameerikaan geggeessuu heddu Trump fi garee isaattu harkaa qaba. Kanaaf nutis ejjannoo teenya wal qixeeffachaa miidhaa imaammanni isaa fidu hirdhisuuf faaydaa tarii argamuu malu irraa buufachuuf qophaayuu qabna. Hunda caalaa garuu milkaayuufi hoongayuu qabsoo keenyaatif murteessaan laafinaafi cimina qabsoo Oromiyaa keessaa tahuu irra deddeebinee of yaadachiisuu qabna. Yoo qabsoon biyyaa jabaatte abbaan fedhes Ameerikaa hogganu dantaa ofiitifu jecha Oromoon michoomuuf dirqamu.
No comments:
Post a Comment