Tuesday, November 29, 2016

OMN: ዕለታዊ ዜና Nov 29, 2016

OMN Mata Duree Oduu Sad 29, 2016

Donald Trump: Qabsoo Oromootif hiree moo balaadha?

Donald Trump: Qabsoo Oromootif hiree moo balaadha?

                                             (Jawar Mohammad tiin)

Donald Trump: osoo namuu akka qoosaatti laaluu filannoo pirazidantummaa Ameerikaa moo'atee hogganootaafi hayyoota biyyatti qaanyessee jira. Imaammanniifi tarsimoon bulchiinsa Trump maal ta'a kan jedhu baatii dabre kana mataduree marii namuutuu ta'eee jira. Deebii isaa garuu innuu ifatti waan beeku hin fakkaatu. Nuti Oromoonis, silaa waaqaa gaditti addunyaa kan kirkirsu Ameerikaa waan taateef, dhufaatiin Trump tun risqii moo gaaga'ama nuuf qabdii laata jennee xiinxaluunifi tarsiimoo baafachuutu nu barbaachisa. Kanarratti xiinxala armaan gadii kana akka yaada ka'umsaatti dhiheesseera.
Imaammata Biyya Keessaa
Wanti Trump yeroo duula filannoo waadaa gale guddaan baqattoota seeraan ala Ameerikaa jiran biyyaa ari'uudha. Waadaalee seene keessaa kan inni murannoon itti deemuu hedus tokko kana. Ejjannoo isaa kana hojitti hiikufis hedduu hin rakkatu. Sababni isaas manneen maree lamaanuu ( Senate & Congress) paartii isaatitu harkaa qaba. Baqattoonni Oromoo kumaatamaan lakkaayaman biyyanatti dahoo gaafataniis osoo hayyama hin argatni akka jiran ni beekama. Ilmaan Oromoo kun imammata bulchiinsa Trump kanaan miidhamuun isaanii ni mala. Gaaga'ama gahuu malu irraa lammiilee kenya baraaruuf waldaaleen hawaasaa ammumarraa itti qophaayuu qaban.
Imaammata Dantaa Alaa
Dantaa alaa ilaalchisee wanti Trump dubbataa ture waldhahaadha. Ejjannoon isaa kan paartileen lamaan biyya kanaa amma dura itti beekamanitti hin citu. Kanaaf ammatti imaammanni isaa kana jedhanii afaan guuttatanii dubbachuun nama dhiba. Bifuma kanaan imaammanni inni Afrikaa akkasumas Itoophiyaa irratti qabaachuu malu maal akka tahe guututti hubachuun nama dhiba. Waan inni dabree dabree haasayu irraa garuu waa takka lama jechuun ni danda'ama.

Kan duraa Trump gargaarsa biyyoota guddataa jiraniif kennamu ni morma. Fakkeenyaaf maallaqni biliyoona 700 Afrikaaf kennamu akka qisaasameetti lakkaawuun ummata Ameerikaa tajaajiluuf hojiirra ooluu qaba jedhee dubbatee ture. Kana jechuun bulchiinsa Trump jalatti gargaraarsi biyyota alaatiif kennamu ( foreign aid) akka hirdhatu eeggama. Ejjannoo kanaan yoo itti fufe mootummoota akka Wayyaaneen kan gargaarsa Ameerikaa irratti hirkatanii jiraataniif balaadha. Wayyaanee irraa gargaarsi cituun ykn hirdhachuun qabsoo keenyaaf ammoo faaydaa guddaa qaba.
Kan lammataa Trump akka yaadutti dimokraasii babal'isuun hojii Ameerikaa ta'uu hin qabu. Lola Ameerikaan maqaa abbootii irree buusuutiin Liibiyaafi Siiriyaa keessatti goote ni balaaleffata. Ejjannoo kanaan yoo itti fufe bulchiinsi Trump humnoota bilisummaafi dimokraasiif dhaabbataniif naatoo qabaachuun isaa mamsiisaadha.

Sadaffaan lola ' farra shoorarkeessitoota' ( counter terrorism) ilaalchise ejjannoo cimaa akka qabu yoo dubbates lola kana keessaa waraanni Ameerikaa suduudaan akka hirmaatu fedhii akka hin qabne akeeka. Dabalataanis biyyonni lola kanarratti hirmaatan baasii isaanii Ameerikaan akka kafaltuuf eeggachuu mannaa dirqama isaanii ofumaan bahuu qaban jedhe dhaadataa ture. Kanarraa kaanee michoomni Ameerikaafi Itoophiyaan sababa haala Soomaleetin qaban hedduu akka jijjiramuu hin dandeenye tilmaamuu dandeenya. Garuu ammo akka bulchiinsota Obama fi Bush sanitti bulchiinsi Trump maqaa farra shoorarkaatiin kaaznaa Wayyaanee guutuu waan itti fufu hin fakkaatu. Guututti illee irraa dhaabuu baatu akka hirdhisu eeggama. Kun Wayyaanee akka shilmii biyyoota alaa irratti maxxantee jiraattuuf hoongee uumuun hin oolu. Gaaga;ama diinaggee sochiin Oromoo irraan gaheen yoo walitti dabalame hirdhachuun gargaarsa alaa kun Wayyaaneen daran akka laamshessu tilmaamuun ni danda'ama.

Afraffaan dhimmaa hariiroo diinaggee irrattis imaammanni Trump ifaa miti. Haa ta'uu ammoo waliigalteen daldalaa Ameerikaan biyyota biraa waliin qabdu (kanneen akka NAFTA, TPP) hedduun isaa irra deebi'amee laalamuu akka qabu gadi jabeessee dubbataa ture. Hariiroo daldalaa Ameerikaan Afrikaa waliin qabdu, AGOA jedhamee beekamu irratti hamma ammaa waan dubbate hin agarre. Waliigalteen AGOA bara as aanu keessa yeroon isaa waan dhumatuuf haaromfamuun dirqama. Kanarratti akkuma waliigalteelee kaanii gara Ameerikaa caalaatti fayyaduu yoo dhiibe biyyoota akka Itoophiyaa kanneen AGOA irraa fayyadamaa jiran irratti dhiibbaa ni qabaata.

Walumaagalatti imaammanni haajaa alaa Trump ammatti xaliilee hin beekamne. Faana bu'uudhaan qorannoo geggeessuun irratti qophaayuun barbaachisaadha. Pirazidantii biyya bulchuudhaaf qophaayee hin dhufne waan taheef imaammataafi tarsiimoo caalaa tarii eejjannoofi ilaalcha namoota aangotti muudamani murteessaa ta'uu mala. Kanaafuu namni Ministeera Haajaa alaatti itti gaafatamaa dhimmaa Afrikaa ta'ee muudamu eenyu akka tahe beekuun kallattii imammanni Ameerikaan Afrikaa irratti qabdu maal akka tahuu malu akeekuf nu fayyada.

Hammasitti waa sadeen tokkoo jechuun goolabuun fedha. Obaamaan abdii guddaafi waadaa cimaa Afrikaaf kennee wanni qabatamaan godhe hin turre. Afaanin dimokraasii sirbaa sirna abbaa irree Wayyaanee gargaaraa turuun yaadannoo as dhihooti. Kanaaf Obaamaan 'gaariin' sun bu'ee Trump 'hamaan' dhufuun nuuf jijjirama guddaa hin qabu. Kan lammataa Hillary Clinton kan gareen ishee dursee Wayyaanee irraa quubii nyaate filamuu dhabuun qabsoo keenyaaf gaariidha. Sadaffaan Oromoon hedduun, akkuma ummata addunyaa kaanii, waan Trump dubbaturraa ka'uun akka jibban ni beekama. Garuu gama qabsootti yoo deebinu tarsiimoon teenya jibbaafi jaalalaan osoo hin taane tooftaadhaan maskamuu qabdi. Jaalannus jibbinus waggoota afran as deemaniif imaammata Ameerikaan geggeessuu heddu Trump fi garee isaattu harkaa qaba. Kanaaf nutis ejjannoo teenya wal qixeeffachaa miidhaa imaammanni isaa fidu hirdhisuuf faaydaa tarii argamuu malu irraa buufachuuf qophaayuu qabna. Hunda caalaa garuu milkaayuufi hoongayuu qabsoo keenyaatif murteessaan laafinaafi cimina qabsoo Oromiyaa keessaa tahuu irra deddeebinee of yaadachiisuu qabna. Yoo qabsoon biyyaa jabaatte abbaan fedhes Ameerikaa hogganu dantaa ofiitifu jecha Oromoon michoomuuf dirqamu.

OMN Ezekeil Gebissa In Conversation

OMN (Sadaasa 26, 2016) Gaaffi fi deebii Atileet Feyisa Lilesa Waliin god...

Saturday, November 26, 2016

GAMMADAA WAARIYOO; GOOTA WARRAAQSA OROMOO SADARKAA ADDAATTI CEESISEE DHA!

GAMMADAA WAARIYOO; GOOTA WARRAAQSA OROMOO SADARKAA ADDAATTI CEESISEE DHA!

                                       (Saphaloo Kadiir irraa)

Gootummaan maqaa moggaasa haadhaaf abbaa, kan hiriyaa ykn kan ofiif akkuma barbaadan moggaafatan osoo hin taane, onne qabeessummaa, onnattummaafi murannoo fi kutannoo qabaachuu irraa ka'uun hojii boonsaa hojmaata dhugaatiin dagaltee sabaaf hojjattu irraa kan siif moggaafamuu dha. Ani goota jechuuf namni gootummaa hin badhaafamu. Gootummaan tan kennaa bilisaa waliif laatan osoo hin taane hojii ati sabaaf hojjattuutu si gonfachiisa. Hojii dhunfaa keetii dacha dachaan hojjattee fiinxa ba'iinsa gonfachuu bira dabree maatiifi firoottan kee illee yoo hariira uwwifte gootummaan hin moggaafamtu. Goota jechuun dursa kan miidhaafi roorroo saba isaa faccisuuf lubbuu isaa takkittii irratti wareegama murteessuu dha. Lubbuu isaa irratti murteessuu qofaas osoo hin taane qabeenya diinagdee, beekumsaafi humna isaas biyyaafi saba isaaf yoo dabarsee laateedha. Gootni dhugaa jiruuf jireenya, sadoof qananii dhunfaa, faaydaafi fedhii isaa mara irra hin kaayyatu, haajaas itti hin qabu. Haalaafi akkaataa mara keessatti beekkumsa qabuun dirmatee sagaleen saba isaatiif dhawwaaquun, qabeenya isaa gumaachuufi lubbuun isaa kennuun qabsaawa. Gootni maqaan walirra caalu baatuus sadarkaan onneefi kutannoo isaanii wal dhaba. Kana yoon jedhu garuu gootoota qabsoo Oromootiif waan laachuu qaban laatan sadarkaan wal caalchisuuf osoo hin taane warri qabsoofi warraaqsa sabaatiif gumaata laataan marti gootummaa isaaniin malu qaban jechuu kiyya. Garuu haalaafi akkaataa keessatti qabsoo adeemsisaniitu garaagarummaa akka qabaatan taasisa. Gootoonni gariin gareen qindaawanii qabsoo sossoosan. Wayta garii immoo yoo haalli walitti gamtaa'anii waa hojjachuu yoo aanja'uu dhabuuf dhiirti dhiiraa tarkaanfii barbaachisu dhunfaa isaatti fudhachuuf lubbuu ofii irraa kaatee, jireenya ofii irratti wareegama murteeffatee injifannoo dachaan galmeessan.

Nutiis akka Oromootti sabni keenya dur gaafa gabrummaa jalatti kufe irraa jalqabee gootoota bilisummaafi walabummaa sabni dhabe deebisuuf qabsaa'an baayyeefi kumaatama lakkaawamee hin dhumne qabna. Gootoota kutannoof murannoo dhugaa qaban kanaan qabsoon yeroo gara yerootti jijjiiramaa, daran fiiniinaa arra geesse. Gootoonni harki caalu akkuma lubbuu isaanii irratti murteessan wareegamanii dhaamsa jabaa dhiigaan nuuf barreessanii kan dabran yoo tahu gootoonni muraasni immoo akkuma carraatti lubbuun hafanii dhaamsa isaanii afaan isaanii irraa deddeebinee akka dhageenyuuf carroomna. Hambaaleen goottan kaleessaafi kan arraatiis boruuf yaadannoo siidaa qabsoo tahuun seenaan isaan kaasaa kan jiraattu tahuun beekkamaadha. Akkuma adeemsa qabsoo yeroo dheeraa goottan onnee barbadaa qaqqaaliin gulantaa takka irraa tan biraatti tarkaanfachiisaa dhufan san bara 2016 keessaas warraaqsa cimaa Oromoon godhaa jiru kana wareegama seena qabeessa adda addaa kafaluun goottan kumaatamni tarkaanfachiisaa asiin gahan. Irra jireeysi gootota keenyaa dhiiga itti dhangalaasanii, lafee itti cabsanii, foon isaanii itti kukkutanii, lubbuu itti dhabanii, qaamaa itti hir'atanii, qabeenya itti hoonga'anii qabsoo tana sadarkaa boonsaa amma jirtu kanaan gahan. Goottan foon isaanii sooraa, dhiiga isaanii obaasaa qabsoo asiin gahan mara kabajaaf ulfina isaaniin malu isaan barbaachisa. Irra baayyee goottan qabsoo irratti wareegamanii kabajaafi ulfina guddaa isaan barbaachisu laachuufiin wal nama hin gaafachiisu. Goottan baayyee akkuma lubbuu isaanii qabsoof qodhaa godhan sanitti wareegamaniis akka carraa tahee goottan qabsoo sadarkaa adda addaatti ceesisan kan lubbuun hafaniis ni jiru. Barana gootoota keenya qabsoo finiinsaa turan, kanneen lubbuu ofii irratti murteessanii gulantaa warraaqsaa sadarkaa addaatti ceesisan kan lubbuun hafuuf carrooman keessaa tokko dargaggoo Gammadaa Waariyoo ti.

Dargaggoo Gammadaa Waariyoo dhaadannoo isaa 'Down down wayyanee' jedhamuun yeroo ammaa beekkama. Gootichi kun akkuma beekkamu Onkololeessa 2, 2016 gaafa ayyaana Irreechaa waltajjii irratti bahuun 'mic' aanga'oota wayyaanee harkaa butuun 'Down down down wayyaanee' jedhee sagalee isaatiin akka leencaa baroodee diina naasisee, Oromoota miliyoona danuu irraa quuqaa buqqisee, fira qabsoo Oromoo maraas gammachiisee gulantaa qabsoo gara sadarkaa addaatti tarkaanfachiiseedha. Irreecha irratti iddoo waraanni hangi wayyaaneen qabdu itti wal gahee jirutti dhaadannoo akkasii waltajjii irratti bahanii dhageessisuuf onnee gootummaa dhugaa waliin kutannoofi murannoo guduunfatte qabaachuu barbaachisa. Sagale guddiftuu qabatanii waltajjii aanga'ootaafi waraanni wayyaanee irratti walitti qabamee jiru irratti dhaadannoo 'Down down down Wayyaanee' jettu dhawwaaquu dhiisii osoo afaaniin hin dubbanne mallattoo diddaa harka ol qabanii agarsiisuun qofti wareegama guddaa Oromoo kafalchiisaa jiraachuun wal nama hin gaafachiisu. Gaafa ayyaana Irreecha san maaltu taha laata? jedhanii kumni qalbiin eegaa turuun ni yaadatama. Irreechi dur gammachuun Oromoo hammatee gammachiisee gaggeessuus barana immoo lubbuun dhibboota danuu shira diinaatiin irratti wareegamte, kan gammachuu dur golga gaddaatiin haguuge Irreecha gurraacha ture. Wayta Oromoonni miliyoona danutti lakkaa'aman gaddaan liqimfaman kanatti dargaggoo Gammadaan waraana wayyaanee kan akka mixiitti dirree Irreechaa cabalaq godhee jiru keessaan hulluuqee gootummaan waltajjii yaabbatee 'Down down wayyaanee' jedhee dhawwaaquun diina baareeysee miira ilmaan Oromoo gaddaafi gammachuun wal keessa laaqe. Waltajjii akkanaa irratti bahanii diina abaaruun, afaanii baafatanii 'Down down TPLF' jedhanii dura dhaabbatanii dhaadannoo dhageessisuun kutannoofi gootummaa akkam akka gaafatuufi wareegama hangam akka nama kafalchiisu tilmaamuun nama hin rakkisu. Gammadaan goota qabsoo Oromoo fincila xumura gabrummaa irraa gara warraaqsa Oromootti ceesiseedha

Lubbuu ofii irratti du'a murteessanii dirree san irratti bahuun qofti wareegama hadhaawaa nama gaafatti. Sabaa ofiitiif dabarsanii of laachuuf qophaa'ummaa cimaafi of kenniinsa guddaa nama gaafata. Injifannoo cululuqxuu akkanaa geengoo diinaa keessatti galmeessuun ulfaataa tahuu daran kan amanuuf nama rakkiisuudha. Gaafa Irreechaa eega Gammadaan waltajjii irratti 'Down down' jedhe booda yaanni shakkiifi mamii tokko tokko uumamuun kanumaaf ture. Hojiin gootummaa dhugaatiin Gammadaan waltajjii Irreechaa ija wayyaanee duratti hojjate namoota garii "Geengoo diinaa keessatti namni hangas onne qabeessummaafi gootummaan waltajjii diina irratti bahee dhawwaaqu dhuguma ni jiraa? Ani hin amanu! Moo diinaatu fakkeessuuf qindeessee kana godhee laata?" kan jechisiise ture. Eeyyee! Qabsoo keessatti wareegamaafi injifannoon baayyeen kan gamtummaan galmaa'u tahuun waan baratameef murtiifi tarkaanfii goonni akkasii dhunfaan fudhatu kan akkanaa kun mamii keessa nama galchuun beekkamaadha. Sababniis injifannoo cimaa akkasii mooraa diinni marsee jiru keessatti galmeessuun tumsaafi tinnisa qaama biraatiin alatti ni milkaa'a jedhanii yaaduufi carraan injifannoo akkasii argachuu dhiphaafi adeemsi isaas ulfaataa waan taheef gaafa tahee argamu immoo hanga roga adda addaatiin qabatamaan mirkanneeffatanitti 'Ani hin amanu' nama jechiisiisa. Wanti ni taha jettee hin eegne tokko gaafa tahee argamu immoo 'ijaafi gurra kiyyaan amanuu dadhabe' nama jechiisisuun miira uumamaa shakkiifi madaalliif keessa keenyatti kalaqamee jiruutu nu dirqisiisa. Qabsoo keessatti gootummaan injifannoo akkanaa galmeessuun lubbuu ofii caalaa sabaaf dhimmamuufi qomoo ofii jaalachuu irraa kan maddu tahuun beekkamaadha. Kanaaf Gammadaa Waariyootiis jireenya isaa Oromoof qodhaa godhee, lubbuu isaa lammii isaatiif wareeguuf of qopheessee injifannoo san galmeesse. Akkuma gootoonni qaqqaalii baayyeen sabaaf dabarsanii of laachaa, of irra saba jaalaachaa turaniitti, arraas qarooleen baayyeen bilisummaa lammiif jecha du'a of irratti murteessaa jiran. Kan sabaaf qodhaa of godhu baayyee keessaa muraasaatu akka carraa ardii irratti hafa. Isaan keessaa tokko Gammadaa Waariyooti. Ana qofaaf osoo hin taane Oromoofi seenaa qabsoo Oromoo keessattiis Gammadaan goota gootummaan malteeni. Eeyyee! Gammadaan akka carraatti arra lubbuun nu jiddutti argamuus goota saba isaatiif of laate goota cimaa fi guddaadha. Goonni akkasii lubbuun nuuf eewalamee jiraachuun nu gammachiisuu qabdi. Irraan deebi’a. Ana qofaaf osoo hin taane Oromoofi seenaa qabsoo Oromoo keessattiis Gammadaan goota gootummaan malteeni.

Gammadaan goota gulantaa qabsoo keenyaa sadarkaa guddatti geesseedha. Akkuma "Qabsoon beeratti burraaqa" jedhan san hojiin inni hojjateefi injifannoon inni galmeesse garii namaatiif salphaa fakkaattee mul'achuu dandeessi. Garuu nama waa hubatuufi cimina adeemsa warraaqsaa beeku biratti Gammadaan waa guddaa hojjatee. Injifannoo hangana hin jedhamne galmeessuu isaa namni hin hubanne jira jedhee hin yaadu. Akkuma beekkamu dhaadannoon "Down down Wayyaanee!" jedhu kun yoo ilaalan tarii salphaa tokko fakkaachuu mala. Hojiin inni hojjate injifannoo guddaafi bu'a qabeessa tahuu kan mul'isu jecha jedhame qofa osoo hin tahin gocha isaa waliini. Bakki, yeroofi akkaataan itti jechi san jedhame humnaafi ulfina ergaa isaa qabatamaan mul'isuufi dhaamsa guddaa dabarsuu kan dandeessisu gocha isaa waliin qindaa'eeti. Kanaaf jechi gabaabaan 'Down down wayyaanee!' Jedhu kun gatiin inni ol bahuuf fudhateefi bu'aan inni buusees guddaadha. Jechi kun jecha gabaabaa dhaamsaafi ergaa guddaa Oromoo qofa biratti osoo hin tahin kan qabsoo Oromoo deeggaru mara biratti dhaadannoo cimaafi jechaa gatii qabu tahee tajaajila kennaa jira. Ijoolleen daa'imni hiikkaafi gatii jecha kanaa hin beeknelleen eega Gammadaan jecha kana irreecha irratti dhawwaaqe booda "Down down wayyaanee!" Jechaa yoo dhawwaaqxu agarra. Oromoonni bahar gama jiraataan marti eega jechi kun dubbatame booda manneen mootummoota warra adii fuulduratti yoo hiraara bahan dhaadannoo "Down down wayyaanee!" jedhu fayyadamaa jiraachuun beekkamaadha. Jechi gabaabaan kun qalbii warra addunyaa mara kan hawwateefi xiyyeeffannaa argateedha. Gootonni addunyaa tanaa marti jecha ulfinaafi irree qabu kan wayta san qabsoo isaanii tan itti jiran finiinsuuf, dhaamsa dabarsuufi qabsaa'oota onnachiisuuf, kan warraaqtootaafi deeggartoota qabsoo isaanii itti mirqaanfatan kan onnee isaanii keessa bulgaafatanii ittiin itti fayyadamaniifi ittiin beekkaman qaban baayyeetu jira. Fakkeenyaaf, "I Have A Dream!" jecha Maartiin Luutar King warraaqsaaf itti fayyadamaa ture yoo tahu Obamaan gaafa duula sochii filannoo Ameerikaa taasisu "We Can!" Jechuun abjuu Maartiin dhugoomsuufi hiikuu akka danda'u itti fayyadameefi gochaan mirkaneessaa tureedha. Fagoo hin deeminaa, mee keenyuma as deebine haa ilaalluu. Jawar Mohammed gaafa AlJazeera irratti gaaffiif deebii taasisaniif haasawa bal'aa irra jechi gabaabaan hiikkaa garbaa "I am Oromo first!" jedhu hangam takka akka Oromoo gammachiiseefi diina naasisuu bira dabree abdii kutachiise namni hin beekne jiraa? Jecha gabaabaa piroojaktii guddaa dhaleefi hundeeffama OMN tiif bu'ura jaba taheedha. OMN immoo itti fufiinsaafi mirqaansa qabsoo gaggeeffamaa jirtuuf deeggarsa guddaa akka tahe namni hin beekne hin jiru. OMN jechuun ilmaan Oromoo biratti akka miidiyaa ykn TV itti osoo hin taane akka dhaaba (jaarmaya) qabsoo Oromoo guddaa fi cimaa tokkootti kan ilaalamuufi kabajamaafi jaalalli addaa akka isaaf kennamu beekkamaadha. Jechi Gammadaas kanaan addaa miti.

Dargaggoo Gammadaa Waariyoo goota lubbuun jiru tahuu qofa osoo hin tahin gootummaa addaa wanti isa badhaasu danuudha. Gootummaan dhawwaaqee diina naasisuu daran diina harkaa miliqee lubbuun nuuf eewalamuun isaas kan diina aarseefi gootummaa dabalataa kan isaaf laatuudha. Goota diddaa cunqursaa mormee sabaaf qabsaa'ee diina naasisee wareegamu qabaachuun nama gammachiisa. Goota qabsaa'ee diina naasisee lubbuuniis eewalamu qabaachuun immoo injifannoo lakkuu, gammachuu dachaati. Jechi gabaabaan gootichi keenya Gammadaan lallabe kun jecha qofa osoo hin tahin rasaasa guddaadha. Rasaasni immoo akkuma yoo diinatti deebisan galaafatu yoo sirnaan qabuu baatan abbichaas gaaga'a. Kana dubbachuun koo waa malee miti. Gammadaan goota waan isarraa eegamu qabsoof gumaacheefi gahee isaa dacha dachaan bahee jiruudha. Goota osoo hin wareegamin injifannoo guddaa galmeesseedha. Goota jaalala sabaatiif jedhee lubbuu isaa mi'ooytuu wareegaaf qodhaa godhe kan akka carraatti nuuf eewalameedha. Goota akkas nu jaalaatuufi akka alagaan dhiiga isaa cunfattu, lafee isaa cabsitu, foon isaa mummurattuu, lubbuu isaa wareegduuf jiruufi jireenya isaa irraa ka'ee dabarsee nuuf of kenne kana akkaataa Oromoon itti simatteefi quba qabaachaa jirtu garuu kan nama gammachiisuu miti. Goota akkanaa argachuu qofa osoo hin tahin sirnaan qabachuuniis gatii guddaa qaba. Haatahuu garuu simannaafi hammannaa isaan malte Oromoo biraa dhabuun kun kan hamilee qabsaa'ootaa tuqu qofa osoo hin taane kan deebisee balaaf isa saaxiluudha. Inni kabajaaf ulfina nurraa barbaadee miti kan lubbuu isaa dabarsee nuuf laateef. Silaa harka diinaa bu'ee arra waan afaan isaa irraa dhageenyuufi ijaan isa arguullee hin milkooynu ture. Warri shakkees, warri dhugaa arkees silaa osoo kana hin mirkaneeffanne hafa ture. Injifannoo galmeesse caalaa lubbuun eewalamuun isaa kun daran nu gammachiisuu qaba ture. Gammadaan kanaan dura diinaafi firaafiis eenyu akka tahe sirritti hin beekkamne ture. Gariin shakkii namoota muraasaa saniin ulfaa'ee gariin immoo mamii hin beekkamneen liqimfamee ture. Eega guyyaa Irreechaa booda du'aafi jiruun isaa Oromoo mara shakkisiisaafi yaaddeessaa turte. Mucaan kun lubbuun haa eewalamu malee ammallee shanacha diinaa jalaa fagoo miti. Goonni wayyaanetti ibidda shide kun eega miidiyaa irratti mul'ate booda xiloon diinaa irratti xiyyeeffachuun hin oolu. Sabboontoonni Oromoo kan warraaqsa kana keessatti dhageettii qabaniifi waa godhuu danda'an dhimma Gammadaa kana laaffisuu isaanitu mul'ata.

Walumaagalatti Gammadaa Waariyoo kanaan dura hojii isaa malee teessoofi eenyummaan isaa hin beekne ture. Diinni barbaadaa turuus argachuu hin dandeenye. Amma immoo teessoofi eenyummaan isaas gara miidiyaatiin beekkamuun isaa firoota yoo gammachiisu diina immoo daran aarsee jira. Nuti immoo jiraachuu isaa qofatti gammadnee yoo cal'ifnu diinni immoo aara san bahuuf aaree hin cal'isu. Kanaaf ani akka nama tokkootti dhimma isaa ilaalchisee furmaanni waaraan nageenya mucaa kanaaf barbaachisu barbaadamuuf qaba jedheen amana. Akka nuti laaffifne kana diinni waan laaffisee ilaalu natti hin fakkaatu. Jechi namoota gariif xiqqaa kun warra siyaasaatiif rasaasa akkam tahuu ni beekkama. Nuti waan gochi isaa nuuf gumaache tilmaamuu dhiifnuus diinni immoo waan jechi kun isa dhabsiise waan beekuuf salphatti kan jalaa hafuu miti. Gammadaan akkuma jecha san dhageessiseen osoo wareegamee akkuma wareegamtoota kaaniitti yaadatama ture. Akkuma isaaniittiis ilaalama ture. Kana booda immoo yoo miidhaan irra geesse sheenaa guddoo nu keessatti magarsuu qofa osoo hin taane madaa hin qoorrees nu keessatti uuma. Kana dura osoo hin tahin amma eega eenyummaan isaa beekkame kana wayyaanetti ibiddi lammaffaa qabsiifamee jira. Kanaaf gabaabumatti mucaan kun akka Afrikkaa keessaa gamatti cehuufi bobaa diinaa jalaa fagaatu koreen ijaaramtee yeroo gabaabatti baasuuf hojii jalqabuu qaban jedheen yaada. Biyyi masrii namoota Oromoo maraafu jireenyi yaaddeessaa tahee jira. Gammadaan qabsoo keessatti gahee irraa eeggamu caalaa bahee jira. Akka carraa tahee eega eewalame immoo nuti isaaf wabii tahuu nurra jiraata. Inni tokkichi lubbuu jijjiirraa hin qabne saba guddaa fi danuu kanaaf laatee egaa carraan isa jiraachifte nuti danuun kun isaaf maal laachuu qabna? Jedhanii of gaafachuun dirqama taha. Hanguma ammaatuu haalli jireenya isaa hin mijjooyneef fakkaata. Gargaarsi gama 'Gofund' isaaf walitti sassaabamaa jiruus baayyee xiqqaadha. Kanaaf gooticha keenya kana namni marti dhimma isaa itti yaaduu qaba. Goota tokko eega wareegame qofa faarsuu fi seenaa isaa dhaadheessuu osoo hin taane goota lubbuun jiruus kabajaafi ulfina isaan malu laachuufin dirqama. Jechi "Down down wayyaanee!" Jedhu kun yoo irratti hojjatame ammallee piroojektii guddaadha. Waan biraa miti namni suuraa fi jecha isaa qofa interneetiis tahee lafatti fayyadame qofti osoo qarshii takka kafalee miliyoona meeqa taha laata? Dubbiin xumuran malee hin xumuramtu, arraaf goolabe. Horaa bulaa!
“GOOTOOTA KEENYA KABAJAAFI ULFINNI ISAANIIN MALU LAATAMUUF QABA!”

Saphaloo Kadiir
Sadaasa, 2016

OMN Qophii keessummaa( sadaasa 26, 2016)

OMN Oduu Sad 25, 2016

Friday, November 18, 2016

OMn Oduu Sad 18, 2016

Qophii Xiinxalaa Sad 18, 2016

#OromoRevolution Yaa'ii Hogganoota Oromoo: Fuulduree #OromoRevolution Yaa'ii Hogganoota Oromoo: Fuulduree (Jawar Mohamma irraa)


Yaa'ii Hogganoonni Oromoo guyyaa sadihiif Atalnta keessatti taa'an goolabamee jira. Akkaataa korri kun itti deemsifame, milkiifi hanqina isaa madaaluun qooda hirmaattotaati. Isaanis bifa adda addaatin himaa jiran. Maaltu itti aana kana jedhurratti waa takkaa lama jechuun fedha. Wanni itti aanu murtiilee yaa'iin kun dabarse ciminaan hojiitti hiikuudha. 1) Yaa'iin kun uummanni Oromoo dudhaa fi aadan siyaasaa dimokraasii hirmaachisaa ta’ee, kan dagaagina wal qixxaataa, nagayaa amansiisaafi kabaja dhala namaaf kan kennu, isa irraa illee hafee kan biraa kan ga’uu, haftee qaroomina sirnaa gadaa qabaachuu isaa gadii fageenyaa kan irratti mari’atamee fi mirkaneefatamee dha. Akkasumas bu’uurrii hundee tokkummaa Oromoo fi siyaasa isa duudhaalen qaroomina haftee sirna gadaa kana keessaa madduu, ka hawwii egeree Oromoo hundaa illee masaku ta’uu isaa hubachuun maree ijoo dubbii kana irrattii balinaan ergaa mari’atameen boodaa, qindoomina cimaan itti fufiinsi akka jiraatuu waliif galameera. 2) Yaa'iin kun galmeelee lama jechuunis Labsii Dhugefannaa Tokkummaa Oromoo (Affirmation of Oromo Unity and National Aspirations) fi Irbuu Oromoo ( Oromo Charter for Freedom, Justice, Dignity and Peace) jedhan irratti erga mari'atee booda yaada waan hirdhatuufi eda'amuu qabu eeruun, dokumantiileen kun akka yaada yaa'ii kanarratti dhihaataniitin gabbisanii deebisan gurmuu hayyootaa itti ramadee jira. Hayyoonni kunis yeroo gabaabaa keessatti hojii kana xumuranii dokumantii kana gara jila yaa'ii kanaatti ergu. Jilli kunis dokumantii kana daran yaada ummataatin gabbisuuf hawaasa isaanii keessatti irratti mari'achiisu. Hirmaannaa ummataa daran bal'isuuf dokumantiileen kun Oromiyaa keessatti lafa jalaan irratti mari'atamuuf jira, akkasumas gara interneetiin platfoormiin qophaayee yaanni itti sassaabama. 3) Yaa'in kun diplomaasiin Oromoo fi gargaarsi ummata keenya miidhamaa jiruuf qodhamu bifa waaltaheen akka godhamu murteessuun koree qindeessituu itti dhaabee jira. Koreen dhaabbate kun yeroo gabaabaa keessatti sirna isaan barbaachisu guutattanii tarsiimoo baafatanii jila yaa'ii kanaatiifi hawaasa Oromoo bal'aa ni beeksisu jennee abdanna. 4) Marii dokumantiilee irratti bal'inaan hawaasa keessatti godhamuufi yaada ka'u sassaabee fiduun irratti mari'achuuf, akkasumas hojirraa ooluu dirqama koreelee qindeessituutti laatame madaaluf yaa'iin hogganootaa yeroo lammataaf ni yaamama. Kanas akka qindeessuuf yaa'iin kun koreen dhaabbatee jira; hojii isaas ammumarraa eegala. 5) Adeemsa yaa'ii hogganootaa Oromoo kan Atlanta kana irraa komiin bifa adda addaa akka ture ni beekama. Yaa'iin Hogganotaas koreen qindeessituu muftoolee jiran kana akka furuufi yaa'ii lamataa irratti namootaafi gurmuulee hafan kamiyyuu hirmaachisuuf ijibaata akka godhu ajajee jira. Koreenis ajaja kana fudhachuun safisaan hojiitti hiikuuf waadaa seeneera. Waaqni isaan haa gargaaru. Warri hojiitti ramadame dalagaatti haa jabaatu. Yeroo tumsaaf nu waaman haa owwaannu.

Friday, November 18, 2016

#OromoRevolution Yaa'ii Hogganoota Oromoo: Fuulduree

#OromoRevolution Yaa'ii Hogganoota Oromoo: Fuulduree

                                       
                                             (Jawar Mohamma irraa)

Yaa'ii Hogganoonni Oromoo guyyaa sadihiif Atalnta keessatti taa'an goolabamee jira. Akkaataa korri kun itti deemsifame, milkiifi hanqina isaa madaaluun qooda hirmaattotaati. Isaanis bifa adda addaatin himaa jiran. Maaltu itti aana kana jedhurratti waa takkaa lama jechuun fedha. Wanni itti aanu murtiilee yaa'iin kun dabarse ciminaan hojiitti hiikuudha.
  • 1) Yaa'iin kun uummanni Oromoo dudhaa fi aadan siyaasaa dimokraasii hirmaachisaa ta’ee, kan dagaagina wal qixxaataa, nagayaa amansiisaafi kabaja dhala namaaf kan kennu, isa irraa illee hafee kan biraa kan ga’uu, haftee qaroomina sirnaa gadaa qabaachuu isaa gadii fageenyaa kan irratti mari’atamee fi mirkaneefatamee dha. Akkasumas bu’uurrii hundee tokkummaa Oromoo fi siyaasa isa duudhaalen qaroomina haftee sirna gadaa kana keessaa madduu, ka hawwii egeree Oromoo hundaa illee masaku ta’uu isaa hubachuun maree ijoo dubbii kana irrattii balinaan ergaa mari’atameen boodaa, qindoomina cimaan itti fufiinsi akka jiraatuu waliif galameera.

  • 2) Yaa'iin kun galmeelee lama jechuunis Labsii Dhugefannaa 
  • Tokkummaa Oromoo (Affirmation of Oromo Unity and National Aspirations) fi Irbuu Oromoo ( Oromo Charter for Freedom, Justice, Dignity and Peace) jedhan irratti erga mari'atee booda yaada waan hirdhatuufi eda'amuu qabu eeruun, dokumantiileen kun akka yaada yaa'ii kanarratti dhihaataniitin gabbisanii deebisan gurmuu hayyootaa itti ramadee jira. Hayyoonni kunis yeroo gabaabaa keessatti hojii kana xumuranii dokumantii kana gara jila yaa'ii kanaatti ergu. Jilli kunis dokumantii kana daran yaada ummataatin gabbisuuf hawaasa isaanii keessatti irratti mari'achiisu. Hirmaannaa ummataa daran bal'isuuf dokumantiileen kun Oromiyaa keessatti lafa jalaan irratti mari'atamuuf jira, akkasumas gara interneetiin platfoormiin qophaayee yaanni itti sassaabama.

  • 3) Yaa'in kun diplomaasiin Oromoo fi gargaarsi ummata keenya miidhamaa jiruuf qodhamu bifa waaltaheen akka godhamu murteessuun koree qindeessituu itti dhaabee jira. Koreen dhaabbate kun yeroo gabaabaa keessatti sirna isaan barbaachisu guutattanii tarsiimoo baafatanii jila yaa'ii kanaatiifi hawaasa Oromoo bal'aa ni beeksisu jennee abdanna.

  • 4) Marii dokumantiilee irratti bal'inaan hawaasa keessatti godhamuufi yaada ka'u sassaabee fiduun irratti mari'achuuf, akkasumas hojirraa ooluu dirqama koreelee qindeessituutti laatame madaaluf yaa'iin hogganootaa yeroo lammataaf ni yaamama. Kanas akka qindeessuuf yaa'iin kun koreen dhaabbatee jira; hojii isaas ammumarraa eegala.

  • 5) Adeemsa yaa'ii hogganootaa Oromoo kan Atlanta kana irraa komiin bifa adda addaa akka ture ni beekama. Yaa'iin Hogganotaas koreen qindeessituu muftoolee jiran kana akka furuufi yaa'ii lamataa irratti namootaafi gurmuulee hafan kamiyyuu hirmaachisuuf ijibaata akka godhu ajajee jira. Koreenis ajaja kana fudhachuun safisaan hojiitti hiikuuf waadaa seeneera. Waaqni isaan haa gargaaru.

Warri hojiitti ramadame dalagaatti haa jabaatu. Yeroo tumsaaf nu waaman haa owwaannu.

OMN: Sona Miidiyaa Sad 17, 2016

OMN: Sona Miidiyaa Sad 17, 2016

OMN: Oduu Sad 17, 2016

OMN ዕለታዊ ዜና LIVE Nov 17, 2016

Thursday, November 17, 2016

#OromoRevolution Manni murtii Woyyaanee dhaddacha guyyaa har’aa taa’een barattoota Yunivarsiitii bara 2014 Maaster Pilaani Finfinnee morman jedhamanii qabamanii hidhan irratti murtee cimaa dabarse. Maaster Pilaannii mormaniif qofa barattoota Oromoo hidhaa yeroo dheeraatiin adabuun kan ifatti agarsiisu jibbaa fi tuffii sirni Woyyaanee Oromoo irraa qabuudha jedhu taajjabdoonni.
Akka mana murtii Woyyaanee kanatti barataa Addunyaa Keessoo fi Bilisummaa Daammanaa adabbii hidhaa woggaa afurii fi baatii shaniiti kan irratti murtaaye. Akkasumas, barataa Tashaalee Baqqalaa adabbbii hidhaa woggaa tokkoo fi baatii lamaan akka hidhamu itti murtaayee jira. Adabbiin Tashaalee Baqqalaa irratti dabre waan hanga amma inni hidhmee gadiidha. Kana jechuun Tashaalee Baqqalaa, adabbii isaa murtee mana murtii dura xumurate waan ta'eef, guyyaa muraasa keessati mana hidhaatii ni baya jechuudha. Kuni kan ta’u, garuu, yoo humni tika Woyyaanee murtii mana murtii kan dhagayuu fi kabaju ta’e qofa.
Barataa Abbabaa Urgeessaa, Shawaa Roobititti hidhamee ture, poolisiin mana hidhaa gara mana murtiitti osoo hin fidin hafaniiru. Sababni isaa maal akka ta'e hin beekamu. Garuu rakkoo fayyaa qabaatuu mala sodaan jedhu jira. Barataa Magarasaa Worquu yeroo dheeraadhaaf mana hidhaatti dararamaa fi itti taphatama erga turee boda badii tokko akka hin qabne itti himamee mana hidhaati gadi lakkifamuun isaa beekameera.
Sa’aa kanatti baratoonni, daldaltoonni fi qotee-bultoonni Oromoo kuma heddutti lakkawanman master pilaanii fi duguuggii sanyii mootummaan Woyyaanee Oromoo irraan gayu mormuu isaaniitiif qabamanii manniin hidhaa fi mooraa woraanaa addaddaa keessatti darraraama jira. Lammiileen keenna daandii fi mana isaniitii guuramanii manniin hidhaa keessatti dararaa sadarkaa addaddaa argaa jiran kumaatama. Woyyaaneen namoota hidhaman irratti ragaa sobaan murtii hidhaa irratti dabarsiti. Yeroo tokko tokko ammoo yeroodheeraadhaaf hiitee erga rakkistee fi fundura isanii era dukkaneesitee booda bilisa jedhaa gadi lakkisti. Oromoota saba isaniif jecha hidhamnii dararamaa jiran gadi lakkisiisuu fi erga gadi lakkifamaniis barnootaa fi jireenyatti akka debi’an godhuu irratti oromoon manniin hidhaan ala jiru hundi driqama isaa bayuu qaba. maddi Awash post

አቶ ዮናታን ተስፋዬ ቀንና ሌሊት በሰንሰለት እንደሚታሰር ታውቋል

አቶ ዮናታን ተስፋዬ ቀንና ሌሊት በሰንሰለት እንደሚታሰር ታውቋል

OMN Oduu Sad 16, 2016

OMN: ዕለታዊ ዜና Nov 16, 2016

Saturday, November 12, 2016

OMN Oduu Sad 12, 2016

Ethiopia makes 11,000 state of emergency arrests: state TV

Ethiopia makes 11,000 state of emergency arrests: state TV
Oduu Haaraya
    iliyaas jamaal2

    TPLF STATE OF EMEREGENCY, THE SYSTEMATIC NEW NAME OFAPARTHEID IN ETHIOPIA MUST STOP!!!!

                              
    By Elias Jemal Ahmed
         
    STATE OF EMERGENCY apartheid word meaning “separateness”, or “the state of being apart”, literally “apart-hood” is a system of Racial in Ethiopia enforced through legislation by the ruling party Tplf or EPRDF the killer governing party from1991. Under state of emergency apartheid, the rights, associations, and movements of the majority Oromos and Amharas inhabitants and other ethnic groups are curtailed, and Tigre is maintained. Apartheid in Ethiopia is developed after1991by the tigray people-dominated Party TPLF and EPRDF organizations. The ideology is also ruling part EPRDF, which is administered by Tigray people leaders.  By extension, the term is currently used for forms of systematic segregation established by the state authority in a country against the social and civil rights of a certain group of citizens due to ethnic prejudices
    Ethiopia began in colonial way apartheid   under the TPLF empire, and continued until know. Tplf undercover policy of Apartheid as an officially structured policy is introduced more and more after the general election of 2015 or after wining of the election 2015 100%.  Legislation classified inhabitants into two “tigray”and “Ethiopia”. From 1991 to still, million’s Ethiopians are removed from their homes, and forced into segregated neighborhoods, in one of the largest mass removals in modern way. Non-EPRDF   political representation in abolished in 2015 election.  Tplf apartheid sparked significant internal resistance, violence, and a long arms and trade embargoagainst the government and their own business Starting in the2015 November, a series of popular uprisings and protests resulted in a retaliatory ban of all opposition, and the imprisonment of anti-apartheid leaders like Bekele Gerba and all others politician. As unrest spread and became more effective and militarized, state organizations responded with repression and violence. Along with the sanctions placed on Ethiopia by the international community, this made it increasingly difficult for the killer government to maintain the regime. Revolution is begin in the all country, in Oromia, Amhara region and the other places of Ethiopia. After  EPRDF Party gained 100% power in the parliament.   Apartheid tplf government immediately began enforcing existing policies of racial segregation under a system of legislation that it called state of emergency which is apartheid. Under apartheid, non-tigre Ethiopian’s (a majority of the population Oromo and Amhara) would be forced to live in separate areas to the government and their supporters are block all social media like face book, viber, twitter, e-mails in the all country except Tigray   and contact between people are the banned.
    Tigray supremacy had become central aspects of Ethiopian policy long before timing apartheid began. Marked the beginning of territorial by forcing non-tigre Ethiopians to live in reserves and making it illegal for them to work as sharecroppers.
    Apartheid Becomes Law
    Know the government had banned relation between Ethiopian and Tigray people of other races by state of emergency, and prohibited colonial relations between tigrians and non-tigrians in Ethiopia. State of emergency provided the basic framework for apartheid by classifying all Ethiopians by race with tigrians.
    Since 1991 and now by state of emergency, most resistance leaders had been captured and sentenced to long prison terms or executed this would draw international attention and help garner support for the anti-apartheid cause now in Ethiopia in the all world including EU.
    Apartheid Comes to an End Ethiopa
    Know after 25 years, when thousands of children in all OROMIA, AMHARA, CONSO and the rest of the country, demonstrated against TPLF OR EPRDF by the word ”DOWN DOWN WEYANE DOWN” ALL students across the country, the police opened fire with tear gas and bullets. The protests and government crackdowns that followed, combined with a national economic recession, drew more international attention to Ethiopia and shattered all illusions that apartheid had brought peace or prosperity to the nation. The United Nations General Assembly must denounced apartheid, and in the UN Security Council must to impose a mandatory embargo on the government of minority tigre grope.  United Kingdom and United States of America  imposing economic sanctions on the country.
    Under pressure from the international community, the government of TPLF or EPRDF sought to institute some reforms. The reforms fall short of any substantive change, however, and by the pressure to step aside in favor of TPLF or EPRDF.  TPLF apartheid government subsequently repealing the Population Registration Act,  as well as most of the other legislation that forming the legal basis for apartheid. We need new constitution and a new constitution,   which enfranchise  the majority groups and other racial groups and new general election is necessary for marking the official end of the apartheid system in Ethiopia and to building the real country for justice and equality.

    Gabaasa Addaa Qabsoo Diplomaasii Paarlaamaa Awurooppaatti Taasifame (Sad...

    Oduu Sad 11, 2016


    Kaayyoon Mootummaa Wayyanee Oromoo fi Oromiyaa Baleesuudhaa

    Elias Jemal irraa
    Kaayyoon Mootummaa Wayyanee Oromoo fi Oromiyaa Baleesuudhaa  Ilaaman Oromoo Raayyaa Ittisa Biyya fi Poolisii Oromiyaa  Oromoo fi Oromiyaa malee Mootummaa Wayyanee Yookiin TPLF Tajajiiluu hin qabadan!
    jemal0
    Elias Jemal Ahmed
    Raayyaa ittisa biyya  fi seera-kabachiistuu(poolisii) tokko yokina ummanii sabaa bal’aa motummaa gaafa hundeefatu dhaabootaa tajajiila  hundeefatu keessaa jachuunis hojjataa mootummaa sadarkaa ol’aanaa . bulchiisaa biyya. Mana Murtii.  Mana Barumasaa. Wajjiraa Fayaa. Waajjira Bishanii Daandii, karaa fi  kkf isaa keessa tokkodhaa motummaan tokko dhaabootaa asii olitti ibsaamaan fi kkf saababiin itti hundeesuu feedhii ummataa kan siyaasaa kan dingadee guutuuman guutuuti halaa tajajilaa keenuufii mirgootaa fi seera kabachiisuf faayyidaa ummataa faayyidaa kan walii kabachiisu fi amanamummaadhan kabachisufidhaa.
    Qaamolee motummaa asii olitti ibsaamaan keessaa raayyaa ittisa biyya fi seera-kabachiistuu(polisii) qaamolee gahee guddaa qabana fi ummataa fi biyyaf gahee tajajiila guddaa qabaniidhaa diraqamanii fi itti-gaafatamummaan itti keenamuu naganyaa ummataa naganyaa biyyaa fi dangaa biyyaa kabachiisu yamuu ta’uu tarkaafiiwaan ummataa irraatti fudhatamu irraa ittisuu fi ummataaf wabii ta’uudhaan   guutuuman guutuuti kabachisudhaa. Itti-gaafatamummaa asii olitti ibsaamaan ba’uudhan raayyaa ittisa biyya fi poolisii waadaa jari galaan ana duraa kabajaa ummataa kotti fi kabajaa biyyaa kotti dursaa milkaa’in lubbuu fi kafaltii barbachiisaa ta’ee naraa egaamu hundaa nana kafala kannaafisa waqayyoo nahagargaruu jadhe waadaa galuudhaa. Umanis dirqaamaa fi itti-gaafatamummaa itti kenamee waadaa galee hubachuu fi kabajuun komii tokko malee galii waggaa isaa irraa hir’iisee raayyaa itti biyya fi poolisaa mindaa isaaf uffanaaf hidhaanaa isaaf tajajiila fayaa fi barumasaaf isaaf kan soorama bahe soorama baasa waan barbachiisaa ta’ee hundaaf gamachuudhan keenaf.
    Bara mootummaa waayyanee yookaan /TPLF mootummaa kan dhabatee raayyaa ittis biyya seera-kabachiistuu (poolisii) tajajiila ummata irraa kenamu jijiramani jirachuu battus hundeeffamanifi tajajiili yaroo yaroodhan dirqamanii keenamuuf akaakuu wadaa galuun jijiiram baay’ee itti godhaamee jiraa. Jalaqaba raayyaa ittisa biyya kan hundeeffamee akaakuu lamaan. Inii tokkoffaan sabaaf sablammoota wallin kan ta’uu qabu inii lamaaffaa saba biyya san keessaa jiru kan hirmachise ta’uu qaba wanti bara mootummaa waayyanee argaa jiruu hogantotin impaayeera wayyanee  guutuuman guutuuti jalaa hanga guubaattii kan ajajamuufi kan buluu saba tigree qofan. Kunis kan ta’ee ajaja raayyaa ittisa biyya jaalaattii kan argaman ajajota waraana 61 keessa aangoo jeneraal hangaa kolonelatii ramadamanii hojjatan keessa dhalaatoota Tigree 57 dhalaatoota Aga’oo 3 dhalata saba Amaaraa tokko ta’uu isaa tti. Dhalata saba bal’aa ummata Oromoo kan bakka bu’uu tokko qoorichaaf keessa hin jiruu. Ummani oromoo bal’aa kun biyya tophiiyaa keessaatti abbaa biyyaa akka hin tanee ragaa agarsiisuudhaa, daabalatan kan ragaa nu ta’uu wayyaneen yookaan TPLFn raayyaa ittisa biyya fi seera-kabachiistuu(poolisii) kan hundeeffaamee wadaa fi dirgamanii isaa mootummaa waayyanee yookaan TPLF tajajiilu ummata oromoo sabaa bal’aa dhiitee angoo fi umrii mootummaa gabaroomasaa waayyanee dheereesuuf qofa. Kanara  ka’udhaan ummatafis biyyaafis tajajiilaa faayidaa hin qabanee fi  gocha hiika hin qabanee keessatti raayyaa ittisa biyya fi seera-kabachiistuu (poolisii) ummataaf gachaan fi wabii bakka ta’uu qaabuutti garaa jabenya cimaa fi haala sukaneesan ummata oromoo irraatti duulla sanyii dugugaa kan gageesaa jiru keessatuu Agaazii  jachun kan bekamu hogantotin dhalaatoota saba tigiree qofan kan hoganamuu tarkaafi haala sukaneesa haala addunyaa irraa hin jiree hogansaa haarawa ajaja nama tokko irraa dhufu (command post) jachun waan addunyaa irraa hin jiree dabalatee goochii yakka dangaa darbee gageesaa jiru ragaa gudadha. Jibbaa ummata oromoo irraa qaban ummata karaa nagahan  mirga isaa gafacha jiruuf ilalachii isaan qaban guutuuman guutuuti hamenyaa fi garaa jabenyaa akka ta’e goochaf ilalachii isaanii ragaadhaa. Ijjolleen oromoo raayyaa ittisa biyya fi seera-kabachiistuu(poolisaa) keessaatti hiirmaatan bekkanis ta’ee osoo hin bekin  karaa adda addaattin fayidaan ummata oromoof biyya isaanif ofiif fayidaa godha jiran tokko hin jiruu. Kunis ummata ajjesuu biyya baalleesufi offa saphisudhaa. kanaaf ilamana oromoo raayyaa ittisa biyya fi poolisii oromiyaa keessa kan jiraatan !
    Itti-gaafatamummaafi bakka bu’iinsi keessaan qomoo ummataa oromoo irraa dhalaatanif keessaa baataniif ta’uu qaba. Oromiyaa fi oromoo tajajiiludhaaf qofa, kan amo umani oromoo kan bekuudhaa. Umani kan beekule waaggota 25 darbaniif yaroo sukaneesa (command post) yokin ajaja nama tokkorraa dhufu  ammaa dabalatee yaroo addaa addatti raayyaa ittisa biyya ta’e bu’aa ummata isaa kan egsiisu qabu irraa raayyaa ittisa biyya tokko irraa yaaka hin egamanee ummata keessaa baatan irraatti fudhachaa jirraatu  ilaaman oromoo raayyaa ittisa biyya keessa jirraatan fi poolisii oromiyaa yaaka amma duraa fudhachaa tuurtanii ammasa itti jirraatu ,hojiin ammaa itti jirraatan aangoo impaayeer mootummaa wayyanee umarii isaa dheeresa jirraatu.  Kaayyoon ilaaman oromoo raayyaa ittisa biyya fi poolisii oromiyaa kaayyoo umarii Abay Tsahayee fi fakatoota isaa  garaan bulaa ka akka Abbaa Dullaa Gamadaa fi diina oromoo Mukataar Kadir, Asater Maamon dabalatee namoota binesoota dhiigaa ilaaman oromoo xuuxanii fi kan dhiiqatan kkf  egaafi tiksuuti  jirraatan.
    Yaroo amma kan yaakkoota gurguddoo waaggota 25 gageefamaa tureefi kan amalee jiruu  ilamaan oromoo gabruummaan nu gahaa jadhee bakka jiruu ka’e dhiira, dhaala, maangoddo, dargaggoo ijoollee osoo hin jadhin bakka jiruu ka’e falamachaa jiruufi impaayeera wayyanee  yookiin TPLF  boolla  ga’uuf yaroo ga’ee  kanti ilaaman oromoo raayyaa ittisa biyya fi poolisii oromiyaa dogoggora kan duraa keessaa jirraatan keessaa baatanii  ilaaman oromoo ajeesufi dararuu osoo hin tanee  sammuu keessaaninfi   kaayyoo keessan kan dhugaatti deebitanii  ilaaman oromoofi oromiyaa tajajiiluudhaaf dirqama oromummaa yaroon itti baatan ammaadhaa.
    Wayyanee yookiin TPLF  jaalaatti kufanii mootummaa tortoree badaa jiruu tajajiilun isiin ga’uu qaba. Mootummaafi siyaasani hin darbaa, umanifi biyyii  garuu yoomilee ni jirraattuu. Kanaaf kaayyoo badaa irraa jirraatan dhiisuun tajajiila keessan siirreesun ummata oromoo fi oromiyaa cinnaa dhabaatan yaroon isaa ammaa . Kanaafuu  ilaamana oromoo raayyaa ittisa biyyafi poolisii oromiyaa ummata keessanif oromiyaa malee mootummaa wayyanee yookiin impaayeera TPLF tajajiilufi gabroomufi akkan hin qabanee isiin hubachiisaa .
    INJIFANNOON KAN UMMATA OROMOO FI OROMIYAATTI !!

    Gabaasa Addaa Qabsoo Diplomaasii Paarlaamaa Awurooppaatti Taasifame (Sad...

    Thursday, November 10, 2016

    GAAFFIIN OROMOO IMPAAYEERA OLTUUM HABASHOOTAN IJARAMEE KEESSATTI DEEBI’UU HIN DANDAYU

           iliyaas jamaal2                                  
    Elias jemal  irraa
    Akkum maatadureratti ibsuuf  yaaletti  impaayeera Toophiyaa hadhas  mootummaa abbaa irreen wayyaaneen abbott isaaraa kan baratte ummataa nagaan  gaaffii  gaafatu deebiin keenuu ajjeesuu fi hidhaa dha gaaffiin  oromoo  impaayeera  Ixoophiyaa  keessaatti deebii akka hin argannee oromoon hubbachuu qabannaa  maaliifa yoo jannee sababa sadi kaasuu  hin danden.
    1 ffaa Impaayeer  Ixoopiyaa yaaroo ijaaramu kaassee ummataa  nagahaa oromoo sanyii duugugun oromoo sanyii ekkaa, sirxee,hurufaa , garmama,tuluu cuqqaallaa,furii galaan, inxoxxoo fi  (Tulluu daalattii) gidduu jiraan dhiiga dhangalaasuun lafee caaccabasuun  maqaa oromoo jadhu balessun fi lafa irraa buqqisuun ijaaramee.                                                                                                                                    
    2 ffaa har'aa jaraa 21 tokko ffaa  keessaattii  sanyii duugugaa qaroomin  gudiin  biyyaa jadhee dhufee jaraa kan keessattii  gudiin  biyyaa jadhaanii  oromoo sobannii oromiyaa alagaan dhunfachiisuuf ergaa abboott isaaniirraa fuudhatan gaalamaan gayuufa  tattaafata jirani.
    3 ffaan har'aas  waan addaa hin fidanee waan   abboott isaaniiraa kana baratan  akka  haaraayaa fiidaan oromoo dhiiga dhaangaalaasu ajjeesuu lafaa isaara buqqisuu oromoon hamaa kolanii habashoota jaaltti kufee waan duriira jiruu kaa ittii fufuu haga  impaayeer  dhiiga dhaangalaasuun ijaaramee kuna  diigamuutti  oromoon biyya isaarattii akka bineensatti  adamasuu ajjeesuun ittii dabala deemaa   ixoopiyaa keessaatti ummanii oromoo nagah aragaatee akka jirachuu hin dandeene lalaa jiraa.
    Wayyaanen ilmaan  oromoo kana finfineetti  hafaan  sanyii duguugga akka  abboott isaani  itumaa jiraan  hadhaas oromoo   kuman lakkaamuu buqqisanii mana dhabsisanii  biyya dhuunfaachuuf wayyaanenis hadhaas sanyii duguugaa  jiraatti.                                                                                     
    Maalifa kayyoon jaraa oromiyaa ratti qaban   mootummooni ixoophiiyoota oromoo saanyii duguuganii oromiyaa abbaa dhaabasisanii abbaa itti tayuudhaa fedhiin  issani   hadhas borussa impaayeera dhiiga dhangalaassuun ijarame kun akka habashotaf  taa uu  tayeef waan  ijaaramef oromoon achi keessatti deebii aragaate jiraat jachuun arjuma dha.
    FURAAMANII  KEENYA. Qabson  dhaloota qubeen egalaame   kana haga harmee  oromiyaan bilisomtuti oltuum habachoot  oromiyaa keessa dhabaamuti  dhalooni qubee manati galuu hin qabuu mormina  dhaloota qubeen egalaamee mootumman  abbaa irree wayyaanee  fi oltuum habashoot hundeen buqqisuu harmee oromiyaa akka  bilisomasu shakkiin hin jiruu.                                                 
    Moormii  qubeen kan rifate ummata harka qulaa mirg isaa falmatu shororkeessaadhaa jechuun  ifaan ifatti waraana irratti labsee guyyaa adiidhaan dhiiga ummata keenyaa dhangalaasaa ture ittumas jira haa taa uu malee ummatni oromoo roorroo bara dheeraa waan jibbef  afaan qawwee fuuldura dhaabbachuudhaan FDG gaggeeffamaa ture jalqaba bara 2016 irratti gara FXG  tarkaafachisee jira ummani oromoo ummata dhugaaf dhaabbate  ummata mirgaa fi bilisummaa isaaf dhaabbate ilmaan isaa waalin faana ta.ee qabsoo dhallota qubee  isaa finiinsuun  mootumma  abbaa irree wayyaanee mootumma isaa  ajjeesaa fi saamaa jiruu hundeen buqqisee  ofirraa gatuu qabaa mootummaan abbaa irree wayyaneen  mormii dhaloot qubeen kan raafamee abdii kutachuudhaan waraana daangaa irraa qabu gara oromiyaa deebisuun oromiyaa bulchiinsa waraanaa jala galcheera  waraanni mootummaa wayaanees oromoo ajjeesuu madeessuu hidhu fi dararuu dubartoota gudeeduu fi qabeenya ummataa saamuu irratti hojjii godhate  aragama  kuunii kaanutti mulisu mootummooni  habashoot   kaayoon isaani oromoo balesu akka tayee nutti agarasisa  kanafu  impaayeera oltuum habashotan ijaaramee kun jigee oromiyaan oromoo ijaramuu qabadii.!!
    DHUGAA QABAN NI MONAA