#OromoRevolution "Haarayoomsa qaamoole haqaa fi nageenyaa
#OromoRevolution "Haarayoomsa qaamoole haqaa fi nageenyaa
(Dr Tsegaye Ararssa)
Biyyoota dimokraasii keessatti qaamoleen mootummaa sadeen aangoo heeraan qoodameef daangaa hujii fi gahee isaani eeggatanii hojjatu.Kayyoon gargar bahinsa qaamolee mootummaa kanaas aangoo qaama tokko harkatti kuufamee abbaa irree akkaa hin dhallaneefi.
Gargaar bahinsa qamoolee mootummaa saden kana dura gargar bahinsi jiraachuu qabu gargar bahinsa mootummaa fi paartii biyya bulcchuuti.Yoo gargar bahinsi mootummaa fi paartii biyya bulchuu hin jiraanne qoodaminsi aangoo qamolee motummmaa sadanii hiika hin qabaatu.
Gargaar bahinsa qamoolee mootummaa saden kana dura gargar bahinsi jiraachuu qabu gargar bahinsa mootummaa fi paartii biyya bulcchuuti.Yoo gargar bahinsi mootummaa fi paartii biyya bulchuu hin jiraanne qoodaminsi aangoo qamolee motummmaa sadanii hiika hin qabaatu.
Fakkenyaaf qaamolee sadeen mootummaa keessaa tokko mana murtiiti .Manni murtii qaama mootummaa keessaa tokko tahuus qaama paartii biyya bulchuutii miti
.Paartii siyaasa biyya bulchuu fii ' motummaa' walitti makuun kallatiidhaan manaa murtii meeshaa siyaasaa godhachuudha. Sirna amma jiru kana keessatti caasaan mootummaa/bulchinsaa fi paartii biyya bulchu addaan bahee jiraachuu dhabuurraa kan ka'e mana murtii/ wajjirri haqaa guutumatti meeshaa siyaasaa godhaa jiran.Haala kanaan maqaa fooya'insa jedhuun 'caasaa' adda addaa mana murtii keessatti ijruudhaan mana murtii sakalaanii meeshaa godhataa jiru.Caasaa kaayyoo kanaaf ijaarame keessa muraasni koree foyyainsa sirna haqaa,fi koree jabahaadha kaasuun ni dandayama.Akka qajeeltootti koreen kun dhimma mana murtiitti ilaalamaa jiru irratti hin mariyatamu jedhamuus qabataamaadhaan koreewwan kun yeroo manni murtii namoota ilaalacha siyaasaan hidhamaniif mirga wabii kabajee fii murtii bilisaa kenne kan isaan waltajjii ta'anii mariyatan .Koreewwan kuniis yeroo dhimmoonni akkanaa kun uumaman dhimmoota akkanaa kun murtii haqaa akka hin arganne dhibbaa ssiyaasaa umuu fi abbaa alangaa fi seeraa hujii kana hojjataan kanneen ejjanoo seeraan deeman irratti duula olalaa gaggessudh.Kanarraa ka'udhaan abbootiin seeraa fii alanagaa baayyeen akka hujii isaanii ofitti amantaadhaan hin hojjanne godhamaaa turan /jiran.
.Koreewwan mana murtii laamshessuuf uumaman kana cinatti waggoota as dhiyoo kana maqaa leenjiitiiniis dhibbaan guddaan abbooti seeraa fi alangaa / mana murtii fi wajjira haqaa irratti godhamaa ture.Wagga kana dura waggoota lamaaf waltajjiin maqaa leenjii qaamolee haqaa jedhamun godhamaa turee ragaa guddaadha.Akkuma jalqabarratti ibsamaa ture, mootummaa fi paartiin biyya bulchu walitti baqee waan jiruuf waltajjiin maqaa mootummaatiin yaamanii leenjii dabballee kennaa turan.Kayyoon leenjii kanaas abbootii seeraa fii alanga koreewwan fii duula siyaasa irratti godhamaa tureen harka hin kennin yaada isaan waltajjii irratti kennaniin adda baafachuudhaan hordoffi godhuufi.Kaayyoon inni biroo immoo qaamolee haqaa kana dabballomsuu fii tokkummaadhaan dhiibbaa akka dhunfaatti abbootii seeraa fi alangaa irratti godhaman fi akka dhabbataatti mana murtii fi wajjira haqaa irratti godhaman akka tokkummaan hin falmanne dorsisuu fii ilaalchaan adda qooduudha.
Waltajjiin maqaa haarayoomsa qaamolee haqaa fi nageenyaan waggaa kana keessa taasifamee kuniis qabiyyee hirmaattotaatiin kan duraanirraa adda tahuus kayyoon isaa kaniin tokkuma.Garaagarummaan waltajjiin haramooysaa kun gama qabiyyee hirmaattotaatiin qabu waltajjii kanarratti namootaa muraasa qaamolee haqaa fi nangeenyaan filaman yommu tahu waltajjii kanaan duraa irraatti abbootiin seeraa fi alangaa gututti hirmaataa turaan.Hirmattonni waltajjii harayoomsaa kana irratti hirmatan kun namoota gaaffi mirgaa fi dhibbaa siyaasaa abbootii alangaa fi seeraa irratti godhamaa jiru hin dubbatan jedhamanii tilmaamaniidha.Sababni namoonni gaafii hin gaafanne filatamaniis waggaa darbe kana keessa sababa warraaqsa ummataa keessaa harka qabdan jedhuun reebichi fi doorsisni baayyeen abbootii seeraa fi alangaa irratti godhamaa tureef abbootiin seeraa fi alangaa hundi waltajjii kana irratti yoo hirmaatan dhibbaa umuu dandayu jedhaniiti.Sababni biroo immoo waggaa kana keessa gaaffiin dabballii mindaa waggoota dheeraaf abbootii seeraa fii alangaan dhiyaataa ture akka waltajjii irratti kaafamee mormiin isaan hin mudanne godhuuf ture.Haa tahuu malee gaaffileen bayyeen dhimmota akkanaa ilaallatan ka'anii turan.Gaaffilee ka'an sana keessa kan daballii mindaa ilaallatan tokko ture.Gaffiin kun gaaffii daballi mindaa qofa osoo hin tahin gaaffii walqixummaati.
Nannoo Oromiyaa malee nannoon hundi akkasumaas Federaalli mindaa qaamolee kanaaf dabalee osoo jiruu kan Oromiyaaf dabalamuu dhabuun mirga walqixxummaa heeraan kabajame mulquudha.Gaaffiin kun gaaffii seera fi heeraan akkamusaamaas haala qabatamaa jireenya biyyattitiin deegarame tahuus deebisaan hoggansa ol'aanoo qamoolee kanaan kenname arrabsoodha.Hoggansi qamoolee kanneenii mirga qamota kanneenii kabachiisuu caalaa ajendaa paartii biyya bulchuun itti kenname hirmaattota waltajjii irratti fe'uu ture.
.Haala kaanan,rakkoon amma biyyatti keessatti uumameef sababa kan tahe nuhi itti gaafatumummaa ni fudhanna jedhaa jedhanii hirmaattota dirqisiisaa turan.Rakkoo kanaaf sababa kan tahe garuu qaamolee kana osoo hin tahin imaammata paartii biyya bulchuuti.Paartiin biyya bulchu immamata saamicha lafaa,dirree siyaasaa cufuu ,bilisummaa yaada ibsachuu mulquu ,jireenya siyaasaa fii dinagdee keessa Oromoo mogguu qabatee demuu fi gaafii siyaasaa gara rakkoo nageenyaatti jijjiruun isa akka rakkoo amma biyti keessa jirtuuf akka sababa tahe beekkamaadha.Eegaa mootummaan kun tarsiimoo qamolee haqaa siyaasomsuu fii lamshessuu fayyadamuudhaan abbootiin seeraa fi alangaa akka tokkomanii dhibbaa isaanirra jiru hin falmanne godhuu bira dabree akka daballii mindaallee hin dubbanne taasisee jira
.Akkuma waltajjii harayoomsaa dhiheenya kana godhamerraa hubatamutti hoggansi qamolee kannenii gaaffii mirgaa dhihaate kana deebisuuf akka fedhii hin qabne ifaan agarsiisaanii jira.Inumaa kana bira darbanii qamolee kana walitti qabatti arrabsan.Silaahuu mirgi kennaa bilisaan namaaf kennamuu miti.Mirga abbaa dhimmaatu qabsaawee kabachiifata.Kana immoo muuxannoo abbootii seeraa fi alangaa nannoo Amharaa irraa hubachuu dandeenya..Kanaaf,kabajamtoota abbooti seeraa fi alangaa ,mirga keenya kabachiisfachuuf haa kaanu."
No comments:
Post a Comment